Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa labsii haasaa jibbiinsaa, odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’achuuf ba’ee fi labsii eksaayiz taaksii raggaasise

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii ariifachiisaa isaatin labsii haasaa jibbiinsaa, odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’achuuf ba’erratti mari’atee raggaasise.
 
Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii waggaa 5ffaasaa gaggeessera.
 
Labsichi sagalee mormii 23, kan sagalee hin laanne 2 fi sagalee caalmadhaan ragga’eera.
 
Odeeffannoon sobaa fi haasaan jibbiinsaa bobbii hawaasummaa, siyaasa tasgabbaa’aa, tokkummaa biyyaa, kabajaa mirga namoomaa fi hedduminarratti miidhaa qaqqabsiisa.
 
Labsichis miidhaa qaqqabuu malu duursee ittisuu fi to’achuuf faayidaa qaba jedhameera.
 
Dabalataan manni marichaa labsii eksaayiz taaksii, waliigaltee Gamtaa Afrikaa kan Kaampaalaatti mallattaa’ee fi namoota buqqaafamaniif eegumsaa fi deeggarsa taasifamurratti mari’achuudhan raggaasiseera.
 
Koreen dhaabbii dhimmoota galii, baajataa fi faaynaansii labsii eksaayiz taaksii qophaa’erratti ibsa laachudhaan, manni marichaa irratti mari’achuudhan raggaasiseera.
 
Labsiin kanaan duraa waggoota dheeraaf kan tajajaile ta’uu, baasii oomishaa bu’uureffachuun kan herreeggamu ta’uu isaatin iftoominni kan isa hanqatu ture jedheera manni marichaa.
 
Labsii haaraan garuu gatii gurgurtaatin akka herreeggamu waan ta’eef, kaffalaa fi kaffalchiisaaf iftoomina uuma jedhameera.
 
Konkolaattonni moofaan waggoota dheeraa tajaajilan qabeenya, lubbuu fi naannoorratti miidhaa qaqqabsiisanirraa kan ka’e, labsichi barbaadama isaanii ni xiqqeessa.
 
Konkolaattonni akkanaa waggaa murtaa’ee ol gara biyyaa akka hin galles ni ittisa; oomishaaleen miidhaa qaqqabsiisanis akka ittifamanii fi barbaadamni isaanii akka xiqqaatu taasisa.
 
Konkolaattota humni isaanii cc 1,300 hin caallee fi konkolaattota miila 3 haaraa biyya keessatti hojjetaman, guutummaan addadda baafamanii kan dhiyaatan, indaastirii biyya keessatiin gariin akka hojjetaman addadda kan baafaman, haaraa ta’anii biyya alaatti hojjetamanii kan galfamaniif eksaayiz taaksiin %30 irraa gara %5 gadi akka siqu ta’eera.
 
Eksaayiz taaksiin konkolaattota waggaa 1 amma waggaa 2 tajajailan irratti kaa’ame %80 gara %55, waggaa 2 amma waggaa 4 kan tajajailan irratti %130 gara %105 akka sirratu ta’eera.
 
Waggaa 4 amma 7 kan tajaajilanirratti eksaayiz taaksiin kaa’amu %230 irraa gara %205 akka gadi bu’u murtaa’era.
 
Waggaa 7 ol kan tajaajilaniif ammoo %430 gara %405tti akka gadi bu’u murtaa’era.
 
Fooyyessi kunis hawaasa fayyadamaa taasisuurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Tamboorratti paakkeettidhaan %30, takka takkaan ammoo Birrii 5 irraa gara Birrii 8 akka guddate ibsameera.
 
Bishaan saamsamaarratti eksaayiz taaksiin kaa’ame %15 gara %10 akka sirratu ta’eera.
 
Dabalataan manni marichaa waliigaltee Maarakaash, chaartara mirga ummattootaa fi namootaa, gabaasota addaddaarratti mari’atee raggaasiseera.
Seera qabeessummaa Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaarratti wixinee labsii qophaa’erratti mari’achuudhan koree dhaabbii dhimmi isa ilaaluf dabarseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.