Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa waliigalteewwan ittisa biyyaarratti Turkii fi Ityoophiyaa gidduutti taasifaman raggaase

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa  waliigalteewwan ittisa biyyaarratti Turkii fi Ityoophiyaa gidduutti taasifaman raggaaseera.

Manni marichaa walga’ii idilee 7ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen waliigaltee Ityoophiyaa fi mootummaa Turkii gidduutti taasifamee ture haammattoo waliigaltee waraanaa, waliigaltee tumsa maallaqaa waraanaa fi waliigaltee Prootokoolii raawwii deeggarsa maallaqaa qorachuun raggaasuu ibsameera.

Ityoophiyaa fi Turkiin haammattoo waliigaltee waraanaa tumsa waraanaa taasisuuf dandeessisu Hagayya 12,2013 Turki magaalaa Ankaaraatti mallatteessun kan yaadatamudha.

Waliigaltichi hariiroo damichaan biyyoota lameen gidduutti taasifamuuf haammattoo ifaa ta’e uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Labsichi indaastirii raayyaa ittisaan, waljijjiirraa odeeffannoon, loojistikiin, tajaajila fayyaan, sirna odeeffannoo fi haleellaa saayibarii ittisuu fi dhimmoota biroorratti waloon hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Gama biraan manni marichaa waliigaltee liqaa Ityoophiyaa fi dhaabbata deeggarsa misooma qonnaa idil addunyaa gidduutti sirna maallaqaa baadiyyaa fooyyessuuf mallatteeffame sagalee caalmaan raggaasiseera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.