Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Kibba Lixa Oromiyaa hundeeffame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Manni Marii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Kibba Lixa Oromiyaa Godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Boorii fi Buunnoo Beddellee of jalatti qabachuu hundeeffameera.

Qorattoonnii fi hoggantootni qindoominaan hojjachuun damee qonnaan bu’aa caalu galmeessisuuf murteessaa ta’uun himame.

Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti Qindeessaan Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Dooktar Saamu’el Fufaan, qorannoo fi qo’annoowwan qonnaa hojjataman bu’aa qabatama akka fidaniif qorattoonnii fi hoggantootni qindoominaan hojjachuun murteessaa ta’uun himan.

Manni Mariichaa hundeeffamuun, teeknooloojiiwwan qonnaa haala qabatamaa naannoon walsimsiisuun hojiirra oolchuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Walitti Qabaan Mana Marichaa fi Pireezidaantiin Yunivarsii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa gama isaaniin, dhaabbiileen barnoota olaanoon, qorattoonnii fi hoggantoonni qindoominaan hojjachuun, wabii nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf gargaara jedhaniiru.

Dabalataanis, rakkoolee hojii qonnaa keessatti mul’atan akka furus dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.