Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa dhimma Gaazeexeessa Guyyoo Waariyooratti poolisiif yeroo qorannoo dabalataa eeyyame

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa guyyaa har’aan dhimma Gaazeexeessaa Guyyoo Waariyooratti poolisiif yeroo qorannoo dabalataa guyyaa 10 eeyyame.
 
Poolisiin shakkamaa Gaazeexeessaa Guyyoo Waariyoorratti qorannoo dabalataa gaggeessuuf guyyoota 14 akka dabalamuuf gaafatee ture.
 
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaa gaaffii Poolisiin dhiyeessee fi gaaffii mirga wabii Guyyoo Waariyoorratti ajaje laachuuf ganama har’aatti beellama qabachuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Haaluma kanaan manni murtichaa poolisiif guyyaa dabalataa 10 eeyyameera.
 
Gama biroon obbo Miishaa Adamii fi Koorsaa Dachaassaan yakka jeequmsa kaasuun shakkamanii mana murtiif dhiyaataniiru.
 
Poolisiin dhimma isaan ittiin shakkaman qorachaa jiraachuu ibsuun, ragaa walitti qabachuuf mana murtichaa yeroo dabalataa gaafateera.
 
Shakkamtoonni kunneen gama isaaniin hanga ammaatti poolisiin jecha nurraa fuudhee hin beeku, kun ammoo seeraa miti, manni murtii dhimma kana karaa walaba ta’een nuuf ilaaluu qaba jechuun gaafataniiru.
 
Manni muricha dhimma hunda karaa haqa qabeessa ta’een ilaalaa jiraachuu hubachiiseera.
 
Poolisiin dhimma namoota kanneenirratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu isaa ragaan har’aa dhiyaate ni mirkaneessa jedheera.
 
Haaluma kanaan poolisiin ragaa qorachuu barbaadu haalan akka dhiyeessuuf guyyoota dabalataa 10 eeyyameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.