Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa gaaffiin mirga wabii sababii fayyaatin obbo Lidatuu Ayyaaleew dhiyeessan fudhatama hin qabu jedhe

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti Manni Murtii aanaa Bishooftuu gaaffiin mirga wabii sababii fayyaatin obbo Lidatuu Ayyaaleew dhiyeessan fudhatama hin qabu jedhe.
 
Manni murtichaa qorataan poolisii qorannaasaa xumuree akka dhiyaatu guyyootii dabalataa 7 eeyyameera.
 
Qorataan poolisii guyyootii 14n darbanitti hojiilee qorannaa hojjeterratti yaada laatera.
 
Waa’ee Shugguxoota obbo Lidatuu Ayyaaleew harkatti qabaman 2, meeshaalee elektirooniiksii fi ergaalee bilbilaa waliif dabarsaa turanirratti qorannaan fooransiikii gaggeeffamaa jiraachuu poolisiin eerera.
 
Poolisiin sanadoota siyaasaa isaan harkatti argachuu, ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan booda fonqolcha mootummaa gaggeessuuf socho’uun, dabaaltota isaanii waliin Bishooftuutti jeequmsi akka uumamu kakaasaa turuu isaanii shakkuu fi yaada ragaalee fuudhuu ibseera.
 
Obbo Lidatuun Shugguxii tokko bara 1998 mootummaarraa argachuu fi tokkommoo abbaa isaanitirraa dhaaluu fi eeyyama kan qabu ta’uu ibsan.
 
Bara Faranjootaa Hagayya 6 qorannaa wallaansa onnee godhachuuf Dilbata gara Ameerikaa balali’uuf tikkeettii muratanii, Jimaata qabamuu isaanii ibsan.
 
Namoonni qaamolee seeratiin qabamanii tumsa seenan maaskii osoo hin godhatin kan dhufan ta’uu fi saaxilamummaa vaayrasii koroonaa sodaachaa jiraachuu ibsan.
 
Obbo Lidatuun dhimma kiyya ala taa’ee akkan hordofuuf gadhiifamuun qabaanis gaafataniiru.
 
Manni murtichaa gama isaatin obbo Lidatuun biyya keessatti yaala onnee akka hordofan eeyyameera.
 
Weerara vaayrasii koroonaarratti sodaa qabanirratti of eeggannaa barbaachisaan akka taasifamuufis ajejeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.