Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa Gobozee Sisaay dabalatee namoota dhuunfaa 7 irratti himanni akka banamu guyyoota 5 eeyyame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddachi Lidataa Ramaddii1ffaa Gobozee Sisaay dabalatee namoota dhuunfaa 7 irratti abbaan Alangaa himata akka banu guyyoota 5 eeyyameera.

Gama biroon manni murtichaa Poolisiin federaalaa namoota dhuunfaa 4 irratti qorannoon gaggeessu hin xummure jechuun guyyoonni dabalataa akka dabalamuuf gaaffii dhiyeesseef guyyoota qorannoo 7 eeyyameera.

Dhaddachichi galmee qorannoo namoota 12 yakka Shororkeessummaan shakkamanii ilaaleera.

Poolisiin qorannoo gaggeessaa turerratti dhaddachichaaf ibsa taasiiseera.

Poolisiin Federaalaatti gareen Farra Shororkeessummaa Gobozee Sisaay dabalatee namoota 7 irratti qorannoo gaggeessaa ture xumuruu hordofee himanni akka banuuf Manni murtichaa guyyoota 5 eeyyameera.

Dhaddachichi falmii gamlamee mirga wabii fi qorannoo poolisiin dhiyeessarratti dhiyaachaa ture erga dhaggeeffatee booda iyyannoo mirga wabii shakkamtoota kanneenii kufaa taasiisuun abbaan Alangaa himata akka banu guyyoota shan eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.