Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa obbo Jawaar fi Baqqalaa dabalatee shakkamtoota galmee isaanii jalatti tarreeffaman 14 irratti ragaaleen akka dhaga’aman ajeja dabarse

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Manni Murtii Fedeeraala sadarkaa jalqabaa obbo Jawaar Mahaammadi fi Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoota galmee isaanii jalatti tarreeffaman 14 irratti Abbaan Alangaa qorannoo jalqabaaf ragaalee akka dhaggeeffatu ajeja dabarse.
 
Obbo Jawaar Mahaammadi fi Baqqalaa Garbaa dabalatee shakkamtoota galmee isaanii jalatti tarreeffaman 14 kaleessa mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti dhiyaataniiru.
 
Abbaan Alangaa waliigalaa obbo Jawaar fi Baqqalaa dabalatee shakkamtoota galmee isaanii jalatti tarreeffaman 14 irratti galmee qorannoo jalqabaa baneera.
 
Galmee kana jalatti gaazeexessitoonni shakkamuun to’annoo jala oolaan kan argaman ta’uu ibsameera.
 
Abbaan Alangichaa shakkamtoota kanneen irratti namoota ragaa ba’uuf dhiyaatan 15 keessaa 5 nageenya isaaniif jecha osoo hin muul’atiin jecha akka kennaan gaafateera.
 
Ragaa baatoonni dhadhacha cufaan jecha akka laatanis Abbaan Alangaa waliigalaa gaafateera.
Abukaatoonni shakkamtoota kanneenii iyyata abbaa alangaa irratti mormii dhiyeessaniiru.
 
Ragaa baatoonni hundi dhadhacha banaarratti jecha kennuu akka qabanii gaafataniiru.
 
Dabalataan ragaa baatoonni dhoksaan ragaa ba’uu akka hin qabnee fi maqaan isaanii tarreeffamuu akka qabu gaafataniiru.
 
Obbo Baqqalaa Garbaa galmicharratti iyyannoon qaba, manni murtii yaada koo narraa fuudhuu qaba jechuun gaafataniis manni murtichaa yaadni ga’aa ta’e gama abukaatootiin dhiyaatera jechuun yaada isaanii fudhachuu dideera.
 
Manni murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti bitaa mirga ilaaluun murtee kenneerra.
 
Jechi ragaa baatootaa dhadhacha cufaan akka dhaga’amuu fi himannaan oso hin banamin dura qorannoo jalqabaa dhadhacha cufaan akka ta’u ibseera.
 
Yaada abukaatoonni shakkamtootaa ragaa baatoota irratti dhiyeessan fudhatama dhabsiiseera.
 
Manni Murtichaa jedha ragaa baatootaa dhaga’uu Hagayya 4, 2012 beellama kenneera.
Taariik Addunyaatu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.