Fana: At a Speed of Life!

Manni murtichaa Obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaan abbaa alangaa dhaddacha banaan akka dhagahamuuf murtoo laatame dhorke

Finfinnee, Eebla 1, 2013 (FBC)- Manni murtichaa Obbo Jawaar Mahaammadfaarratti ragaan abbaa alangaa dhaddacha banaan akka dhagahamuuf murtoo laatame dhorke.
Dhorkicha kan kaahe dhaddacha dhageetti oli iyyannoo mana murtii waliigalaa federaalaati.
Wiixata darbe Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffiin Abbaan Alangaa obbo Jawaar Mahaammadfaarratti dhadhacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasiise.
Haaluma kanaan Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragaa baatoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessiisan gaafateera.
haata’uutii abbaan Alangaa ragaa baatoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisan sababa wanta ta’u ragaa quubsaa kan hin dhiyaanne ta’uu isaan Manni Murtichaa ragaa baatoonni kunneen dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesse tureera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.