Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Aadaa haqa dabe qajeelchuuf qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Labsii Mana Murtii Aadaa Hundeessuuf ba’e lakkoofsa 240/2013 hojiirra oolchuuf magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti mari’atamaa jira.
Marii kanarratti Preezdaantoonni Manneen Murtii aanaalee, Godinaalee, Mana Murtii Waliigalaa,Hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa dhimmichi ilaallatu, Abbootiin Gadaa fi Keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru jedhame.
Caaseeffamaa fi Hojiirra oolmaa labsichaarratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.
Manni Murtii aadaa kun akkuma mana murtii idilee sadarkaa jalqabaa fi ol dabarfannoo qabaachuu eerameera.
Dhugaa dabe qajeelchuu keessatti ga’een Manneen Murtii Aadaa olaanaa ta’uu Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaasimal ibsaniiru.
Labsii kana baasuu qofa osoo hin taanee sirnaan hojiirra oolchuun seera ammaayyaa deeggaruuf murteessaa ta’uu Preezdaantichi kaasaniiru.
Milkeessaa Sobbooqaa gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.