Fana: At a Speed of Life!

Maree biyyaalessaarratti hawaasni hubannoo ga’aa akka horatan miidiyaaleen ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC) – Maree biyyaalessaarratti hawaasni hubannoo ga’aa akka horatan miidiyaaleen ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhameera.
Miidiyaaleen hojii ilaalchota dogongoraa sirreessan hawaasa dhaqqabsiisurratti dirqama isaanii bu’aa akka qaban Giddu Galli Heera Mootummaa fi Barsiisa Federaalizimii hubachiiseera.
Giddu Galichi dhimmoota hubannoo barbaachisanirratti hawaasaaf hubannoo fooyya’aa uumuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.
Giddu galli kun Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti barnoota laachuun hawaasa hubannoo heera mootummaa fi Federaalizimii goonfate uumuuf Labsii lakkoofsa 1123/ 2011 kan hundaa’e ta’uu ibsameera.
Federaalizimii, Heera Mootumaa fi qooda miidiyaalee ilaalchisee ogeeyyii miidiyaaleef leenjii leenjiftootaa laachuu eegaleera.
Leenjiin kun yeroo itti aanuu ogeeyyii waldaalee Siivikii fi dhaabbilee biroof kan laatamu ta’uu Daayreektarri olaanaan Giddu Galichaa obbo Hayilayesuus Taayyeen ibsaniiru.
Osoo mariin hin eegalamin dura dhimmoota murteessoo ta’anirratti hawaasaaf hubannoo laachuun barbaachisaa ta’uu Leenjisaan giddu galichaa obbo Noohi Yaadasaan ibsaniiru.
Hawaasni Heera Mootummaa fi Federaalizimiirratti odeeffannoo sirrii qabaachuun gara Maree biyyaalessaatti makamuu akka qaban taasiisuun dirqama giddu galichaa ta’uu eeraniiru.
Giddu galichi itti gaafatummaa isaa haalaan akka ba’uu fi hawaasni ilaalchota burjaajii ta’anirratti hubannoo sirrii akka qabaatan miidiyaaleen qooda isaanii akka ba’an hubachiisaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.