Fana: At a Speed of Life!

Mareen biyyaalessaa dhimmoota bu’uurarraatti waliigaltee biyyaalessaa uuma -Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Mareen biyyaalessaa dhimmoota bu’uurarraatti waliigaltee biyyaalessaa kan uumu ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Preezdaant Saahilawarq akkaataa Heera Mootummaa biyyattiin Labsii Hundeeffama Komishinii Maree Biyyaalessaa mallatteessuun kan yaadatamuudha.
Mallatteessuun itti gaafatamummaa koo ta’us mariin dhugaa hunda hammate furtuu ta’uu fi bu’aa qabaachuu isaa amaneera jedhan Preezdaant Saahilawarq.
Mariin akka kanaa dhimmoota bu’uura biyyaarratti waliigalteen biyyaaleessaa akka uumamu ni gargaara jedhan.
Yaada dirqamaan namarratti fe’uun waraana kaasa, ummataa fi biyya balaarra buusa, waliin mari’achuun, waldhaggeeffachuu fi walkabajuun aadaa haaraa uuma, biyyaaf illee faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Komishinaroota Maree kan dursan ilaalchisee eeruun laatamaa kan ture yoo ta’u, adeemsi eeruu laachuu guyyaa har’aa ni xumurama.
Preezdaant Saahilawarq eeruu laatame keessatti lakkoofsi durbartootaa xiqqaa ta’uu danda’a jechuun sodaa qabaachuu eeraniiru.
Durbatoonni eeruu laachuu qabu, waraanni gaggeeffame adda durummaan kan miidhe dubartoota jechuun eeraniiru.
Dubartoonni buufata qubannaa Dassee fi Maqalee keessa jiran dubbises fuulli isaanii kanuma mirkaneessa.
Miidhaanni waraanni dubartoorraan qaqqabsiise ammallee dabalataan muul’achuu danda’a jedhan.
Dubartooni miidhamoo qofa osoo hin taane qaama furmaataa ta’uu isaanii hubatamuu qaba jedhan Preezdaant Saahilawarq.
Komishinaroota maricha hogganan keessa dubartoonni jiraachuun itti gaafatamummaa waliigalaa dabalataan dubartootaf ammoo sagalee ta’uu jedhan.
Yeroo muraasa hafe kana keessatti hawaasni dubartoota ulaagaa guutan eeruu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.