Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa mootummaa cimaafi fudhatamu qabu ijaaruuf gargaara jedhame

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Mariin Biyyaalessaa mootummaa cimaafi fudhatamummaa qabu ijaaruuf kan gargaaru ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse.

Komishinichi hoggantoota olaanoo naannoo Hararii waliin waltajjii walbaruu gaggeesseera.

Marichi dhimmoota biyyaalessaarratti ejjennoo waloo qabachuufi sirna diimokiraasii mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu Ittaantuun Pireezidaantii Naannoo Hararii aadde Misiraa Abdallaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin eeraniiru.

Komishinichi garaagarummaa dhimmoota biyyaalessaa murteessaa ta’an irratti mul’atan mariin furuun akka danda’amuuf haala mijeessuuf hundaa’uu komishinaranni komishinii marii biyyaalessaa ibsaniiru.

Komishinichi erga hundaa’ee as hojiilee marichaaf gargaaran hojjechaa jiraachuu  ibsameera.

Marichi biyyattiitti sirna diimokiraasii ijaaruu, rakkoolee yeroo karaa nageenyaa furuufi nageenyaa waaraa mirkaneessuu dabalataan mootummaa cimaafi fudhatamummaa qabu ijaaruuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.