Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa uummattoota gidduutti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf malee shororkeessitoota waliin marii’achuuf kan yaadame miti- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Mariin biyyaalessaa uummattoota gidduutti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf malee shororkeessitoota waliin marii’achuuf akka hin taane Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa  Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Ambaasaaddar Reedwaan hojiilee bara 2021 hariiroo Ityoophiyaa fi idil Addunyaa ilaalchisee hojjetamanii fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara 2022 fi dhimmoota biroorratti Hoorn Reeviiw waliin turtii taasisaniiru.

Dhiibbaawwan keessoo furuun dhiibbaawwan alaa dandamachuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Yaada waliigaltee biyyaalessaarratti iftoominni jiraachuu akka qabu kaasaniiru.

Waltajjiiwwan marii biyyaalessaa ni gaggeeffamu jedhamanii yaadaman uummataa fi hayyoota siyaasaa gidduutti waliigaltee waloorra ga’uuf ta’uu eeraniiru.

Qaamolee shororkeessitoota jedhaman waliin m,arii’achuu akka hin taane dubbataniiru.

Biyyi kamuu yeroo dhaaba shororkeessaa waliin mari’atu arginee hin beeknu nutis hin mari’annu jedhaniiru.

Hojiilee idilee fi deebisanii dhaabuu cimee itti fufuuf haalota ifaa ta’anii fi sadarkaawwan baasuun dirqama mootummaa Ityoophiyaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.