Fana: At a Speed of Life!

Mariin Gumii Balal federaalizimii fi ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffatee gaggeeffama jira

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Mariin Gumii Balal hayyoonni federaalizimii fi ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffatee gaggeeffama jira.

Mariin kun Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatin qophaa’e marsaa 5ffaan dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa irratti kan xiyyeffateedha.

Marii kanaaf yaada ka’umsaa kan dhiyeessan Hayyuun Saayinsii Hawaasummaa Dooktar Biraanuu Leenjisoo, ijaarsi biyyoolessaa Ityoophiyaa rakkoo lamaa uumee jedhaniiru.

Rakkoowwan kunneen saamicha lafaa fi eenyummaa sabootaa balleessuudha jedhaniiru.

Dooktar Biraanuun rakkoo kana furuuf ijaarsi mootummaa biyyoolessaa Ityoophiyaa marii irratti hundaa’uun jaalalaa fi tokkummaa sabootaa akka milkaa’uuf hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Gufuuwwan milkaa’ina kanaa Ityoophiyaan yoomirraa kaatee ijaarramte kan jedhurratti waliigaluu dhabuu, dhaabbileen biyyaalessaa ijaaramuu dhabuu fi kutannoo fi gahumsi hooggansaa dhibuudha jedhaniiru.

Biyyatti ijaaruuf wantoota gaarii ta’an qabachuun, hanqinoota jiran furachaa adeemuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hayyoonni yaada ka’umsaa dhiyaate kanarratti yaada kennan ijaarsi biyya kanaa akka milkaa’uuf Ityoophiyaan yoomii fi akkamitti ijaaramte kan jedhurratti waliigaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

Biyya kanatti federaalizimii dhugaa ijaaruun baay’ee barbaachisaa ta’uus hayyoonni akeekaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.