Fana: At a Speed of Life!

Mariin Gumii Balal Marsaa 21ffaan gaggeefamaa jira

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Mariin Gumii Balal Marsaa 21ffaan mata duree”Qaala’iinsa Gatii, Sababootaa fi Furmaata isaa” jedhuun waajjiira preezdantii mootummaa naannoo Oromiyaatti ogeeyyii adda addaa waliin gaggeefamaa jira.
Marichaaniis qaala’insa jireenyaa akka biyyaattiitti mudataa jiruu dandamachuuf mootummaa fi hawaasa irraa ga’een eegamu maal akka ta’e eerameera.
Rakkoo qaala’insa jireenyaa furuuf mootummaan bu’uuraan oomishaa fi oomishtummaa guddisuu irratti xiyyeefannoon hojjechuu,sirna gabaa seera qabeessa ta’ee diriirsuu, alseerummaa dhabamsiisuu qaba jedhame.
Bulchiinsa Gabaa Maakroon carraa gabaa maallaqa dheedhii gabaa keessa jiru sochoosuun ga’ee mootummaarraa eegamu ta’uu marichaan ka’eera.
Aadaa hojii jijjiiruu, amala jiruu fi jireenya sirreessuun, waan gabaa keessaa bitatan irrattii murteessuun, haala salphaan wantoota naannoo ofitti oomishuu danda’an omishuu fi daldaaltoota seeraan alaa to’achuun qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf ga’ee ummataa ta’uu ibsameera.
Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf walitti dhufeenyi hawaasaa fi mootummaas ga’ee olaanaa qabaachuun eerameera.
Akka addunyaattiis qaala’insii jireenyaa waggoottan 20 as hin muul’anne yeroo ammaa muul’achaa jiraachuu ibsameera.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.