Fana: At a Speed of Life!

Mariin hidha haaromsaa Ityoophiyaa fi itti fayyadama lageen idil addunyaarratti xiyyeeffate gaggeeffama jira

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) –Mariin hidha haaromsaa Ityoophiyaa fi itti fayyadama lageen idil addunyaarratti xiyyeeffate gaggeeffama jira.

 

Seenaa laga Abbayyaa fi hidha haaromsa Ityoophiyaa, dhimmoota seera, teekiniikaa fi diipiloomaasii fi waliigatee waqtawaa irratti mariin xiyyeeffate magaalaa Bahiir Daaritti gaggeeffamaa jira.

 

Maricharatti haala hidha haaromsa Ityoophiyaa fi adeemsa waliigaltee, hariiroo Ityoophiyaa fi Gibts dhimma Abbayyaa irratti waliin qaban, seeroota idil addunyaa haala lageen daangaa ce’aniif qabanii fi wal dhabdee lageen daangaa ce’aniif furmaata kan laatan muuxannoon idil addunyaa dhiyaateera.

 

Waltajjicharratti aanga’oonni mootummaa naannoo, hoggantoonni hojii olaanoo fi namoonni dhaabbilee garagaraa walitti baba’an argamaniiru.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.