Fana: At a Speed of Life!

Mariin Hidha Haaromsaarratti gaggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Mariin ministiroonni Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti gaggeessan guyyaa 4ffaa akkuma itti fufetti jira.

Marichi Amajjii 19, 2012 eegalee waxinee waliigaltee guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii Hidha Haaromsaarratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fitsuum Araggaan marichi akka hin xumuraminii fi ibsi waloo akka hin laatamin ibsaniiru.

Ityoophiyaan mirga bishaanichatti fayyadamuu dabarsitee kan hin laanne ta’uus ibsaniiru.

Marii Waashiingitan kanarratti ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw dabalatee ministiroota Dhimma Alaa Sudaanii fi Gibts akkasumas ogeessonni damee bishaanii fi seeraa hirmaachaa jiru.

Wixineen waliigaltee guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii bu’aa marii sadarkaa teeknikaatin taasifamaniin kan argameen qophaa’uu ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashiin ibsuun ni yaadatama.

Mariin hidhicharratti kanaan dura Waashiingitanitti gaggeeffame bu’aa gaaridhaan xumuramuun ni yaadatama.

Torbee darbes wixinee waliigaltee dhumaa qopheessuuf ogeeyyiin teeknikaa fi seeraa Kaartuumitti mari’achuun isaanii ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.