Fana: At a Speed of Life!

Mariin hojiiwwan foyyaa’insa damee teeleekoom irratti xiyyeeffate Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffamera

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Mariin hojiiwwan foyyaa’insa damee teeleekoom irratti xiyyeeffate Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeeffameera.

Oppireetaroota teeleekoom haaraa biyya keessaa galchuun damicha dorgommiif banaa taasisuufi qooda Ityoo teeleekoom gariin jijjiiruu akkasumaas hanga ammatti hojiiwwan hojjeetama irratti gabaasni dhiiyateera,

Foyyaa’insi damichaan taasifamuu faayidaa biyyooleessaa kan eegsisee fi bu’aa barbaachisuu fiduuf qamoolee dhimmi ilaallatuu adda addaa waliin mariin gaggeefamuusa ibsamera.

Marii kana dura gaggeeffameen gaffiwwanii fi yaada gorsaa dhiiyatan waliin walqabatee hojiin riifoormii akka itti fufuu Muummeen Miistiraa Dooktar Abiy Ahimad kallatti ka’aniiru.

Dooktar Abiy ademsicharratti qaamni hirmaatu kamiyyuu to’annaa taasufammuurra darbe ofisaatii hannarra of qulqulleessu qaba jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.