Fana: At a Speed of Life!

Mariin Invastimantii Iityoo – Ameerikaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Mariin Invastimantii Iityoo – Ameerikaa qophheessummaa Afrikaatti Mana Maree Koorporeeshinii Ameerikaan gaggeeffamaa jira.

Marii viidiyoo konfaransiin gaggeeffamaa jiru kanarratti miseensooni Diyaaspooraa fi Koorporeeshinoota Ameerikaa dameewwan Indaastirii garagaraarratti bobba’an dabalatee namoonni 300 ol hirmaachaa jiru jedhame.

Ministir deettaan Ministeera Maallaqaa FDRI Dooktar Iyyoob Takkaalenyi fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa fi adeemsa Liibaraalaayzeeshinii mootummaan hojiitti hiikaa jiru irratti ibsa taasisaniiru.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa obbo Fitsuma Araggaa Afrikaatti Koorporeeshinii Mana Maree Ameerikaa sagantaa kana qopheesse galateeffataniiru.

Yeroo itti aanus mana marichaa waliin marii walfakkaatu gaggeessuuf fedhiin jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbileen Ameerikaa fi miseensonni Diyaaspooraa carraa Invastimantii Ityoophiyaan qabdutti akka fayyadaman waamicha dhiyeesaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.