Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paanaalii ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ irratti Xiyyeeffate Magaalaa Hararitti taa’amuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Mariin Paanaalii ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ irratti Xiyyeeffate Magaalaa Hararitti taa’amuu eegaleera.
Mariin kun akka biyyaalessaatti Qopheessummaa Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaa fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariin kan qophaa’eedha.
Marii kanarratti Ministeerri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem, Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Hoggantoonni Federaalaa biroo fi Naannoo Hararii , Abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantaa akkasumas Jaarsoliin saba Gaamoo argamaniiruu.
Marii Kanaanis dhimma waloo Ityoophiyaa , waa’ee Ityoophiyaa beeksisuufi hubachiisuu irratti mariin bal’aan ni gaggeeffama jedhameera.
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.