Fana: At a Speed of Life!

Mariin sadee Hidha Haaromsaa kaleessa gaggeeffamuu eegaleera

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Mariin sadee Hidha Haaromsaa kaleessa gaggeeffamuu eegaleera.
 
Marii viidiyoon gaggeeffame kanarratti ministiroonni bishaanii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts hirmaataniiru.
 
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI akka beeksisetti waltajjiin marichaa hoggantummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu eegaleera.
 
Taajjabdoonnii fi ogeeyyiin damichaa Gamtaan Afrikaa filates hirmaattota marichaati jedhameera.
 
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Ityoophiyaan akkuma kana duraa fayyadamtummaa haqa qabeessan maricha goolabuu barbaaddi jedhan.
 
Guutinsa bishaanii fi kallattiiwwan biroo hoggansi Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts kaa’aniin waliigalteerra ga’uuf ni mari’atama jedhan.
 
Ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii adeemsa mariirratti kan waliigalan yoo ta’u, marichi torbeewwan lamaan itti aananiif itti fufuun kan gaggeeffamu ta’a.
 
Marii ministiroota bishaanitiin cinaatti, mariin ogeeyyii damichaa fi taajjabdoota hirmaachise ni gaggeeffama.
 
Mariin hidhichaa hoggantummaa Gamtaa Afrikaatin guyyootii 11f gaggeeffamaa ture Adoolessa 6,2012 adda citee turuun ni yaadatama.
 
Marichi adda citee kan ture Sudaan mirichi akka buluuf gaafachuu isheetin ture.
 
Haaluma kanaan marichi kaleessa waaree booda eegalameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.