Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu humnoota mormituu Liibiyaa bu’aa malee xumurame

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Raashiyaa Mooskootti kan eegalame waliigalteen dhukaasa dhaabuu humnoota mormituu Liibiyaa xumuramuun dhaga’ame.

Liibiyaatti bekkamtii idila addunyaa kan qabu bulchiinsi Faayz Al Saaraajii fi mormituun isaanii Jeneraal Kaliifaa Haaftaar guyyaa kaleessaa waliigaltee dhukaasa dhaabuuf Mooskootti marii eegaluun isaanii ni yaadatama.

Haata’uuti, Jeneraala Kaliifaa Haaftaar waliigaltee dhukaasa Dhaabuu kana otuu hin malletteessin gara biyya isaanitti deebi’u Ministerri Dhimma Alaa Raashiyaa Beeksiseera.

Jeneraal Haaftaar waliigalticha kanaan hin mallatteessineef wixineen dhiyaate baayyeen isaa fedhii lolortoota Liibiyaa kan hin madaallee waan ta’eef jedhaniiru.

Giddugaltummaa Raashiyaa fi Tuurkiin Mooskootti eegalamee kan ture waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun tasgabbii biyyattitti ni fida jedhamee abdatame ture.

Loltoonni Haaftaar Tiriippoolii to’achuuf mootummaa beekamtii idila addunyaa qabu waliin lola taasisaan akka haaraatti eegaluu isaanii himameera.

Kanumaan walqabatee har’a Tiriippoolii keessatti dhukaasni gaggeeffamuu ibsameera.

 

maddi ፦ www.rt.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.