Fana: At a Speed of Life!

Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee harka laatan

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Hidhattoota humna juuntaa dursuun waraansisaa kan turan Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee harka laataniiru.
Miseensa Raayyaa ittisaa kan turanii fi soorramaan kan gaggeeffaman Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee karaa nagaan harka laachuu isaanii ibsame.
Hoggantoonni waraanaa kunneen soorrama erga ba’anii booda gara Juuntaatti makamuun hidhattoota naannichaa lolaaf qopheessaa akka turan Daayreekatarri olaanaan Indooktiriineshinii Raayaa Ittisaa meejar jeneraal Mahaammad Tasammaan ibsaniiru.
Garichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti tarkaanfii wayita fudhatu qindeessitoota olaanoo kanneen turan ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.