Fana: At a Speed of Life!

Meeshaa nageenya namtolchee ogeessoota fayyaarra bifaa fooyyee qabuun kaanserii harmaa akka adda baasuu ibsame

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Meeshaan nageenya namtolchee Al jedhamu dhibee kaanserii harmaa qorachuurra darbee, ogeessoota fayyaa caalaa to’annoo akka taasisu ibsameera.

Meeshichi kaanserii harmaa qorachuurra darbee, ogeessoota fayyaa caalaa to’annoo akka taasisu ogeeyyoonni fayyaa mirkaneessaniiru.

Gareen ogeeyyii fayyaa iddoo garaagaraa irraa walitti baba’aan meeshaa kanaan qorannoo yaalii dubartoota kuma 29 irratti akka taasisan himaniiru.

Haluuma kanaan kaanserii harmaarratti ogeeyyoonni Raadiyoolojii ja’a meeshichii bu’aa qabeessaa ta’u ibsaniiru.

Meeshaan kun hojii ogeeyyoonni fayyaa hojjeetaniin waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu meeshichi bu’a qabeessaa ta’u  mirkanaa’eera.

Meeshichi haalaa fayyummaa nama dhuunfaa tokkoo osoo hin qoratiin ykn ragaa hin qabaatiin dhibee kaanserii adda baasuu danda’uun fooyya’insa qaba jedhameera.

Meeshaa haaraa kun of danda’ee dubbisuurraa darbe rakkoo jiruu dubbiise hubachuun bu’aa qabeessa ta’uu ogeeyyonni fayyaa ragaa bahaniiruf.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.