Fana: At a Speed of Life!

Meeshaalee bu’uuraa fayyadamtootaaf qixa sirriin qaqqabsiisuu dhabuun seeraan nama gaafachiisa – Ministeera Haqaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) –  Meeshaalee bu’uuraa fayyadamtootaaf qixa sirriin qaqqabsiisuu dhabuun seeraan kan nama gaafachiisu ta’uu Ministeerri Haqaa ibse.

Meeshaalee daldalaa dhoksuunii fi karaa seeraan alaa kuusuun hidhaa hanga waggaa shaniin kan nama adabsiisu ta’uu fi mootummaan namoota yakka kana raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu ibsaa tureera.

Raabsaa meeshaalee daldalaa bu’uuraa fi hanqina qaban irratti gufuu uumuun gocha seeraan nama gaafachiisu ta’uu Ministeera Haqaatti Abbaa Alangaa Olaanaan Dhimmoota Diinagdee Taammiraat Asaayyee eeraniiru.

Dhaabbilee raabsitootaas ta’e qinxaaboon meeshaalee daldalaa karaa sirriin fayyadamtoota biraan gahuu baannaan seerichaan kan gaafataman ta’uu kaasaniiru.

Gochichi seera yakkaan qofa osoo hin taane seera siiviiliinis kan nama gaafachiisu ta’uu fi adabbii hidhaa fi maallaqaa dabalatee keeyyata qabeenya daldaaltichaa irraa fudhachiisu of keessaa qabaachuu  himaniiru.

Yeroo ammaa qaamoleen meeshaalee daldalaa alaa galchanis ta’e biyya keessatti raabsan sarara raabsaa eeyyamameefiin hojjechuu baannaan itti gaafatamummaa jalaa kan hin bane ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.