Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 29 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii al ergii fi alaa galu Birrii miiliyoona 29 olitti tilmaamaman to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.
Torbee darbe Keellawwanii fi Buufataalee to’annoo Gumrukaa hundarratti to’annoo fi hordoffii taasiifameen meeshaaleen Birrii miilyoona 27.4 baasuu karaa seeraan alaan gara biyyaa keessaa galuuf ture to’atamuu ibseera.
Akkasumas meeshaaleen seeraan ala gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 2.4tti tilmaamamus to’atamuu himameera.
Meeshaaleen kunneen irra caalmaan buufataalee to’annoo Hawaasaa, Jigjigaa fi Mooyaaleetti too’atamuu eerameera.
Meeshaalee to’annoo jala oolaan keessaa uffataaleen, Meeshaaleen Elektirooniksii, Qorichaaleen, meeshaaleen faayaa, Zayinni nyaataa, meeshaaleen waraanaa fi maallaqni biyya keessaa isaan olaanaa ta’uus ibsamera.
Konkolaattoonni meeshaalee kanneen imalchiisaa turan 33 to’annoo jala ooluu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.