Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 92 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Meeshaaleen al ergii fi alaa galu karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Birrii miiliyoona 92 olitti tilmaamamu to’atameera.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 90.8titti tilmaamamuu fi gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 1.5nitti tilmaamamu to’ameera.

Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumurukaa Mooyaalee,Dirree Dawaa fi Jigjigaatti to’amuu eerameera.

Namoonni meeshaalee kanneen daddabarsuun shakkaman 10 to’atamaniiru.

Huccuuwwan, Boba’aan, meeshaaleen elektirooniksii, Bunni, qorichaaleen, Qaamni jijjiirraa konkolaattotaa,Jimaa, baalli Sammuu adoochuu fi maallaqoonni biyyoota adda addaa meeshaalee to’ataman keessatti kan argaman ta’uu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.