Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen koontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 16 olii qaban to’ataman

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Meeshaaleen koontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 16 olii qaban to’ataman.
 
Ministeerri Galiiwwanii akka beeksisetti meeshaaleen qabaman huccuuwwan moofaa, kopheewwan, meeshaalee elektirooniiksii, konkolaattota, gommaa, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa, zayita nyaataa, jimaa, hashiishii fi kanneen birooti.
 
Waliigalaan meeshaaleen kanneen tilmaama Birrii miiliyoona 16.3 kan qaban yoo ta’u, buufataalee guumruukaa Boolee, Mojoo fi bakkeewwan birootti kan qabaman.
 
Doolaarri sobaa kumni dhibbi 1 fi kumni 20 buufata Mooyyaaleetti qabameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.