Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen koontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 46 olii qaban to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Meeshaaleen koontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 46 olii qaban to’ataman.
 
Bilbiloonni smaartii, meeshaaleen faayaa, uffatoonni addaddaa, meeshaaleen jijjiirraa konkolaataa, konkolaataa, tamboo, zayita nyaataa, dawaa fi kaanaabiisiin karaa Mooyyaalee, Miillee, Kombolchaa, Gaalaafii, Humaraa, Yaaballoo, Dirree Dawaa, Adaamaa, Jigjigaa, Boombaas, Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletiin galfamuu fi baafamuuf turan to’atamaniiru.
 
Meeshaaleen koontiroobaandii hojjettoota guumruukaa fi caasaa nageenyatiin to’ataman kanneen tilmaama Birrii miiliyoona 46 olii kan qaban ta’uu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.