Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa Finfinnee seesifamuuf turan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Kaleessa galgalaa Magaala Finfinnee galfamuuf kan turan meeshaaleen waraanaa to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Meeshaaleen waraanaa kunneen, konkolaa ka’umsi isaa Koonsoorraa ta’e keessa dhokfamee yoo ta’uu, sakatta’aa taasifameen kilaashii 16, minshirii 9 fi baattuu rasaasaa duwwaan 14 qabameera.

Meeshalee kanneen namoonni daddabarsaa turan, shakkamtooni 3 to’annoo jala yoo oolan, Magaalaa Finfinnee utuu seenee mancaatii olaanaa kan qaqqabsiisu ta’uu eeramuu ragaan Koomishinii Gumurukaarraa argame ni argisiisa.

Kontirobaandii fi daldalaa seeraan alaa dhaabuuf, dhiibbaa diinagdee biyyaarra ga’u ittisuuf hunduu gahee isaa bahachuu qabaan dhaamameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.