Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa seeraan ala daddabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Meeshaaleen waraanaa seeraan ala Godina Lixa Goondarii gara magaalaa Goondar seenuuf socho’aa ture to’atamuu ibsameera.

Shugguxiin Turkii 82 fi Rasaasonni garaagaraa kumni 20, Kilaash Kooviin 2 Godina Lixa Goondar aanaa Aarmaachoorraan gara magaalaa Goondar wayita galuuf ture to’atamuu himameera.

Tajaajjilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa shakkamaa kana jalqabaa eegalee hordoffii taasiiseen Keellaa Saanjaa jedhamutti qaamalee nageenyaan to’annoo jala akka oolu taasiifamuu ibsameera.

Shakkamaa olaanaa qabuuf hordoffiin taasiifamaa jiraachuu himameera.

Meeshaalee kanneen to’annoo jala oolchuuf Tajaajjilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Komishiniin Gumrukaa fi Komishiniin Poolisii Federaalaa qindoominaan hojjechaa turuu qaamoleen odeeffannichaaf dhiyenya qaban mirkaneessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.