Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa Magaalaa Dasee gara Shawaa Kaabaa imalaa ture to’atame

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Matarayyeessiin 1 fi Rasaasni Kilaash Koovii kumni 7 ol seeraan ala Magaalaa Dasee gara Shawaa Kaabaa imalaa ture to’atamuu Poolisiin beeksiise.
Sakattoo qaamoleen nageenyaa Buufata keellaa Abbaa Hamiisitti taasiisaniin Matarayyeessiin1 fi rasaasni Kilaash Koovii kumni 7 ol to’atamuu itti gaafatamaan Waajjira Poolisii aanaa Miiddaa Waramoo Inispeektarri olaanaan Balaayinahi Hayiluun ibsaniiru.
Meeshaan waraanaa Matarayyeessii jedhamu tokkoo fi rasaasni Kilaash Koovii kumni 7 ol akkasumas sansalanni Rasaasa Bireenii 150 qabachuu danda’u to’atamuu himaniiru.
Yakkicha waliin walqabatee namoonni dhuunfaan 4 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.
Abbabaa Yeshawaali’uultu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.