Fana: At a Speed of Life!

Meeshaleen elektirooniksii hundi meeshaa humna guutu /chaarjera/ walfakkataa fayyadamuu akka qaban murtoon darbe

Finfinnee, Amajii 22, 2012 (FBC) –Paarlaamaan Gamtaa Awurooppaa oomishni meeshalee elektirooniksii hundi meeshaa humna guutu /chaarjera/ walfakkataan fayyadamuu akka qaban murtoo sagalee caalmaan dabarse.

Addunyaarratti bilbila sochootu dabalate oomisha meeshalee elektirooniksii yeroof hojjetaan hundi meesha humna guutu /chaarjera/ garagaraa qabu.

Omishaaleen elektirooniksii tajaajila keennu wayita dhaabaan meeshaa humna guutu /Chaarjera/ isaanii kan hojjeetan yoo ta’elle fayyadamaan oomishaa haaraa wayitaa bitu ni gata jedhameera.

Kun ammoo baasii hin mallee fi faalamaa naannoo uumuurraa darbee fayyadamtootaaf mijataa akka hin taanee eerameera.

Rakkinicha kan hubatee Paarlaamaa Gaamtaan Awurooppaa dhaabbileen teeknooloojii hundi oomisha elektirooniksii irratti fayyidaa kan laataan meeshaa humna guutu gosaa tokkoo akka oomishaan kan dirqisisuu murtee dabarseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.