Fana: At a Speed of Life!

Meesut Ooziil tapha kubbaa Miilaa dhaabuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Taphataan sarara gidduu garee Biyyaalessa Jarman Meesut Ooziil tapha Kubbaa Miilaa dhaabuu beeksiseera.

Ga’eessi umrii waggaa 34 Meesut Ooziil Kilaba Kubbaa Miilaa Jarman Shaalk 04 tapha kubbaa miilaa kan eegale yoo ta’u, Waancaa Addunyaa bara Faranjootaa 2010 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffameerratti ga’umsa olaanaa agarsiiseen Kilaba Kubbaa Miilaa Ispeen Riyaal Maadritti makameera.

Turtii waggoota sadiif kilabicha keessatti taasiiseen Waancaa Laaligaa Ispeen mo’achuu danda’eera.

Bara Faranjootaa 2013 gatii olaanaa Piriimaayeer Liigii Ingidaandiin gara Arseenaal imalee ture.

Kilabicha keessattis ga’umsa olaanaa agarsiisuun dinqisiifannaa olaanaa horateera.

Ooziil Arseenaaliin booda Kilaboota Turkii Feenarbaachee fi Baasaakseehiir keessatti taphateera.

Garee Biyyaalessa Jarman waliin Waancaa Addunyaa Bara Faranjootaa 2014 kan fudhate Ooziil, jireenya tapha Kubbaa miilaa isaa keessatti taphoota 737 taphateen galchiiwwan 137 maqaa isaan galmeessisuu danda’eera.
Kubbaawwan 262 mijeessuun waahillaan isaaf laateera.
waliigalaan Waancaa 11 argachuu danda’eera.
Maddi:- BBC Sport fi The Football Arena

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.