Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa balaa Ibiddaan Yemanitti lammiilee Ityoophiyaarra qaqqabe qulqulleessaa jiraachuu MinisteerriAlaa beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Miidhaa balaa Ibiddaan Yemanitti lammiilee Ityoophiyaa mana amala sirreessaa keessa jiranirra qaqqabe qulqulleessaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise

Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa balaa Ibiddaa Yemaan mana amala sirreessaa magaalaa Sana’aatti lammiilee Ityoophiyaarra qaqqabe ilaalchisee ibsa laateera.

Ka’umsa balichaa fi hamma lammiilee miidhamanii gama Imbaasii Ityoophiyaa Oomaanitti argamuun qulqulleessaa jiraachuu ibseera.

Mootummaan dhimmicha itti dhiyeenyaan Hordofuun ragaa qabatamaa wayita argate kan ifoomsu ta’uu ibsichaan himeera.

Ministeerri Dhimma Alaa miidhaa lubbuu fi qaamaa lammiilee Ityoophiyaarra qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu himeera.

Lammiileen kunneen karaa seeraa alaan gara sana kan imalan waan ta’eef odeeffannoo guutuu argachuuf haalli jiru rakkisaa ta’uu ibseera.

Balaa guyyaa kaleessaa qaqqabeen miidhaa lammiileerra ga’eef mootummaan gaddi onnee cimse itti dhaga’ame ta’uu ibsuun, lammiilee miidhamanii fi ka’umsa balichaa qorachuun kan itti fufe ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.