Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa kuusaa odeeffannoo dabarsa gaazii uumamaa Ameerikaarratti qaqqabsiifameen, sararri dabarsaa guyyoota lamaaf cufame

Finfinnee, Gurraandhala 12,2012 (FBC) – Miidhaa kuusaa odeeffannoo dabarsa gaazii uumamaa Ameerikaarratti qaqqabsiifameen, sararri dabarsaa guyyoota lamaaf cufame.
 
Dhaabbanni Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa akka beeksisetti, miidhaan teeknooloojii kun ergaa iimeeyilii hojjetaa dhaabbatichaatif ergameen kan qaqqabedha.
 
Qaamoleen miidhaa qaqqabsiisan ergichi kuusaa odeeffannoo akka seenu gochuudhan, sararri dabarsa gaazii uumamaa guyyootii lamaaf hojii akka dhaabu taasifameera.
 
Yaata’uutii miidhichi yoomi fi sarara kamirratti akka qaqqabsiifame ifaamiti jedhameera.
 
Dhaabbatichi miidhaa akkanaa qolachuuf waan hin qophoofnef, guutummaan osoo hin taane gariin miidhaa cimaan irra ga’eera.
 
Qaamoleen miidhaa qaqqabsiisan ragaalee burjaajjii dhugaa fakkaatan dabarsaa turaniiru.
 
Yeroo dhiyoodhaa asitti miidhaan akkanaa Ameerikaatti irra deddeebi’amaa jira.
 
 
Maddi; BBC
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.