Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa vaayrasiin koroonaa qaqqabsiisurraa of eeguun barbaachisaadha- Kaardinaal Birihaana Iyyasuus

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Miidhaa vaayrasiin koroonaa qaqqabsiisurraa of eeguun barbaachisaa ta’uu Kaardinaalli Kaatoliikii Ityoophiyaa Qulqulluu Birihaana Iyyasuus dhaaman.
 
Yeroo rakkinaa kana dabarsuufis ummanni walgargaaruu akka qabu dhaamaniiru.
 
Namoota da’annaa hin qabnee fi harka qalleeyyii deeggarsa barbaadan yaa tumsinuunis waamicha dhiyeessaniiru.
 
Lammiilee hedduun sochii idileerraa waan daangeffamaniif, sochiin hawaasummaas bifa hin baramneen waan geeddarameef wal yaa gargaarrun dhaamaniiru.
 
Daa’imman mana yoo oolan kalaqaaf akka yeroo laatan, oolmaa isaanii akka hin nuffine yaa hordofnu jedhaniiru.
 
Namuu of jaalattummaa keessaa ba’ee, walbira dhaabbachuu amaleeffachuu qaba jedhan.
 
Ummanni dhaabbii biqiltuu baranaa biiliyoona 5f akka of qopheessus dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.