Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen biyyoota Lixaa garaagaraa ABUT waliin qindoomuun oduu sobaan hawaasa idil addunyaa dogogorsiisaa jiru – Mootummaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Miidiyaaleen biyyoota Lixaa garaagaraa ABUT waliin qindoomuun oduu sobaan hawaasa idil addunyaa dogogorsiisaa jiraachuu Mootummaan Ityoophiyaa beeksiise.

Miidiyaaleen kunneen garee shororkeessaa ABUT waliin hariiroo uumuu fi wal dubbisuun olola sobaan hawaasa idil addunyaa dogogorsiisaa jiraachuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa ibsa Faanaa Korporeetiif ergeen himeera.

Kaaba biyyattiitti erga walitti bu’iinsi uumamee jalqabee garichi mootummaa sobaan himachaa turuu ibsichi eereera.

Himannichi dhugaa qabatamaa lafarra jiruun kan wal faallessu ta’uu himeera.

Qaamni idil addunyaa dhugaa kana arguu barbaadu iddichatti argamuun mirkaneeffachuu kan danda’u ta’uu ibseera.

Weerara Gareen shororkeessaa ABUT baneen daandiin cufamuun dhiyeessiin deeggarsa namoomaa adda citus, deeggarsi namoomaa ummata Tigraayiif akka hin qaqqabne mootummaan gufuu ta’uuf fedhii kamiiyyuu kan hin qabaanne ta’uu fi koriidariin dhiyeessa deeggarsa namoomaa banaa akka ta’uu taasiisuu ibseera.

Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an hedduun Buufata Jiibuutii ka’uun karaa Afaar gara Tigraay akka seenaan taasiifamuu ibsichaan himeera.

Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT weeraricha gara naannoo Afaariitti babal’isuun dhiyeessiin deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne gufachiisuuf yaalii taasiisee turuu eereera.

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu miidiyaaleen idil addunyaa dhugaa jiru gabaasurra of qusachuu isaanii himeera.

Mootummaan sodaa nageenyaaf jecha yeroo hin murtoofneef Balalliin Xiyyaaraa gara naannichaatti taasiifamu akka adda citu taasiisee turuu ibseera.

Yaa ta’uutii yeroo ammaa dhiyeessii deeggarsa namoomaaf balalliin gara naannichaatti taasiifamu eegaluu fi qorichoonnii fi Nyaanni Badhaadhan dhiyaachaa jiraachuu kaaseera.

Gareen shororkeessaa ABUT sadarkaa idil addunyaatti deeggarsa argachuuf olola sobaa afarsuu itti fufuu ibsichi eereera.

Miidiyaan idil addunyaa CNN jedhamu mootummaan naannoo Tigraayitti duguuggaa sanyii raawwateera jechuun gabaasa sobaa qopheessuu maddoota amanamaarraa ragaan argamuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibseera.

Gareen shororkeessaa ABUT waan hin raawwatamne mootummaan ummata Tigraayirratti ajjeechaa jumaalaa raawwateera jechuun miidiyaa hawaasummaan dursee gadi lakkasuu fi haleellaa Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabarratti raawwate dhoksuuf tattafachuu himeera.

Mootummaan hawaasarra miidhaan akka hin geenye Raayyaan Ittisa Biyyaa iddoolee qabatee ture gadi dhiisee akka ba’u taasiisuun tattaaffii lubbuu baraaruu olaanaa raawwachuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa ibsa isaan himeera.

Bara Faranjootaa Waxabajjii, 2021 eegalee mootummaas ta’ee Raayyaan Ittisaa naannichatti lolli gaggeessan kan hin jirre ta’uu himeera.

Ummannis ragaa dogoggoraa ta’uu fi kaayyoo isaanii hubachuun miidiyaalee kanneenirratti mormii ba’uu ibseera.

Ammallee dogoggora isaanirraa barachuu caalaa olola isaanii itti fufu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa eereera.

Ololli sobaa miidiyaaleen kunneen irra deebiin tamsaasan miiliyoonota kan miidhu ta’uu hubachuun gochaa akka kanaarraa of qusachuu akka qaban ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.