Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen biyyoota Lixaa ilaalcha dogoggoraa Afrikaaf qabu- Preezdaant Uhuuruu Keeniyaataa

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Miidiyaaleen biyyoota Lixaa ilaalcha dogoggoraa Afrikaaf qabu jedhan Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan.

Gabaasni dhaabbilee miidiyaa biyyoota Lixaa Afrikaarratti hojjetan madaala kan eege waan hin taaneef dhaabbilee kanneen akka maddeen odeeffannootti kan hin filanne ta’uu ibsaniiru.

Waltajjii ‘ Ze Biig Fooram Ajandaa ‘ jedhurratti haasaa taasisaniin dhaabbileen miidiyaa biyyoota Lixaa Afrikaa ilaalchisee rakkoo qofa kan gabaasan ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen Miidiyaa kanneen akka Aljeezra, CNN, Iskaaynewus, BBC fi kanneen biroon dhimmoota Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Ityoophiyaa fi Somaaliyaa Naayiroobii, Keeniyaa taa’anii kan gabaasan ta’uu kaasaniiru.

Gabaasa dhaabbanni miidiyaa biyyoota Lixaa Miidhaa gareen shororkeessaa Bookoo Haraam Naayijeeriyaatti qaqqabsiise Naayiroobiirraa wayita gabaasu amanamaa ta’uu dhabuurra darbee maqaa gaarii Afrikaa kan balleessu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.