Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen odeeffannoo madaala qabuun gabaasuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Miidiyaaleen sagantaalee fi imaamata paartilee siyaasaa ummataaf dhiyeessan bifa madaala qabuun dabarsuu akka qaban hayyoonni damichaa ibsaniiru.

Faanaa Broodkaastiing koorporeet waliin turtii hayyoonni damichaa taasisan, miidiyaaleen Ityoophiyaatti filannoowwaan kanaan dura gaggeeffamanirraa muuxannoo fudhachuun filannoo dhufuuf sagantaa fi imaammata paartilee siyaasaa hawaasni filatu akka beekuuf dirree qopheessu akka qaba kaasaniiru.

Yuunvaarsiitii Baahiir Daaritti barsiisaa muummee kominikeeshinii fi gazixeesummaa gargaaraan profeeseraa Jamaal Mahaammad miidiyaan sagantaa fi imaammata paartilee siyaasaa filannoo biyyaalessarratti hirmaatan ummata akka qaqqabuu taasisuuf ga’ee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Yuunvaarsiitii Jimmaatti hogganaa muummee kominikeeshinii fi miidiyaa Dooktar Geetaachaw Xilahuun gama isaaniin miidiyaan filannoo duraas ta’e waqtii filannoo odeeffannoo sirrii tamsasurra darbee uwwisa paartiwwaniif laatu bilisa ta’uu qaba jedhaniiru.

Yuunvaarsiitii Walaayittaa Sooddootti barsiisaa saayinsii hawaasaa kan ta’an obbo Nigaatuu Abbabaa midiyaaleen sagantaa fi imaammata paartilee siyaasaa hawaasni filatuu qixaan akka hubatuuf itti gaafatamummaa qabachuu himaniiru.

Hayleyesuus Makonniintu gabaase

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.