Fana: At a Speed of Life!

Miidrook Ityoophiyaa Gruup zayita nyaataa liitira 5 Birrii 330 shamattootaf dhiyeessuu eegaleera

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Miidrook Ityoophiyaa Gruup zayita nyaataa liitira 5 Birrii 330 shamattootaf dhiyeessuu eegaleera.
 
Dhaabbatichi zayita nyaataa gatii madaalawaadhan magaalaa Finfinneef dhiyeessuu eegaleera.
 
Mootummaan taaksii fi qaraxa zayita nyaataarra kaa’ee ture kaasuu isaatin zayita gatii madaalawaadhan gabaadhaf dhiyeessuu eegaluusaa itti aanaan hoji gaggeessaa olaanaa damee daldalaa dhaabbatichaa Dooktar Baqqalaa Golaadoon ibsaniiru.
 
Yeroo ammaas kuwiins suupparmaarkeetota 4tti oomishicha dhiyeessuu eegaluu ibsaniiru.
 
Shamataan tokko zayita abbaa liitira shanii, lama caalaa bituu hin danda’u.
 
Warshaan zayitaa ijaarramaa jiru amma xumuramutti gatii madaalawaan dhiyeessuuf ni hojjetama jedhan.
 
Fireehiywat Saffiiwtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.