Fana: At a Speed of Life!

Miihaayil Mishuustiin Muummee Ministiraa Raashiyaa ta’uun mudaman

Finfinnee,  Amajjii 7, 2012 (FBC) – Manni maree Raashiyaa Miihaayil Mishuustiin muummee ministiraa akka ta’aniif mudama dhiyaate mirkaneesse.

Preezdaant Bilaadmiir Puutiin heerri mootummaa biyyattii akka fooyya’u fedhii dhiyeessuu isaaniin muummee ministiraa kan turan Diimiiitiriin Meedveedeev kaabinee isaanii diiguun kan yaadatamuudha.

Diiggamuu kaabinee hordofuun manni mare gadi aanaa biyattii mudama Preezdaant Bilaadmiir Puutiin muummee ministiraaf dhiyeessan deeggaruu isaa ibsameera.

Muuxxannoo siyyaasaa baayy’ee akka hin qabne kan dubbatamu Miihaayil Mishuustiin muummee ministiraa ta’uun mudamaniiru.

Miihaayil Mishuustiin teessoo 424 keessaa sagalee deeggarsaa 383 argataniiru.

Heera mootummaa fooyyeessuuf yaadni Puutiiniin  dhiyaate,qaamoolee hedduu biratti haala gaariin ilaallamaa akka hin jirre dubbatamaa jira.

Morkattoonni biyyattii Puutiin Raashiyaa qabeenya dhuunfaa isaa godhate jechuun qeeqaa jiru.

Heerri mootummaa haaraan fooyya’u kun aangoo isaanii dabalataan dheereeffachuun biyyattii qofaa isaanii yeroo dheeraaf bulchuuf kan kaayyeffameedha jechuun qeeqqamaa jira.

Maddi:-  The Moscow Times

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.