Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Ayyaana Adwaa 126ffaa ilaalchisuun sagantaa agarsiisaa qopheesse

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Ayyaana Adwaa 126ffaa Gurraandhala 23, 2014 kabajamu ilaalchisuun Mana Dubbisa  Kitaabaa Abrihootitti sagantaa agarsiisaa qopheesse.

Biiroon Aadaa fi Turiizimiii Oromiyaa fakkiiwwan gootota Oromoo duula Adwaarratti hirmaatanii loltoota  Xaaliyaaniirratti haleellaa gaggeessaa turan agarsiisicharratti dhiheesseera.

Meeshaalee waraanaa aadaa kanneen akka Gaachanaa, Eeboo, Faayaa mi’a Fardaa fi meeshalee gala ittiin galaafachaa turan agarsiisaaf dhiyaataniiru.

Adawaan biyyoota Afriikaaf abdii bilisummaa kan uume ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa himaniiru.

Agarsiisichi guyyoota Sadiif kan turu yoo ta’u hambaaleen aadaa fi seenaa Adawaa wajjin walqabatan irratti kan beeksifamu ta’uu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.