Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi baatii 6tti galii Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 27 ol walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii FDRI baatiiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 27.5 walitti qabuu beeksise.

Ministeerich baatiiwwan 6 darbanitti Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 25.7 walitti qabuuf karoorfatee, Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 27.5 walitti qabuu isaa ministirri ministeerichaa aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach ibsa gaazexeessummaa laataaniin akka beeksisanitti raawwichi %101.

Raawwiin kun kan bara darbe yeroo walfakkaatun yoo madaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 28.9 yookaa %29 qaba jedhan.

Galiin walitti qabame kunis kan argame %58 galii biyya keessaarraa yoo ta’u, %42 ammoo galii guumruukaan kan walitti qabamedha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.