Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi baatiiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 225 ol walitti qabuu ibse

Finfinnee, Amajjii 17, 2015(FBC)- Ministeerri Galiiwwanii baatiiwwan 6 darbanitti galii Birrii biiliyoona 225 ol walitti qabuu ibseera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Niguseen baatiiwwan jahan darbanitti  hojiilee galii walitti qabuurratti hojjetaman ilaalchisee ibsa laataniiru.

Walakkeessa bara baajataa kanaan hojiileen gudina diinagdee biyyattii deeggaran hedduun hojjetamuu kaasaniiru.

Galii walitti qabuu karoor5fame Birrii biiliyoona 228.2 keessaa 225.9 walitti qabuun karooricha %99 milkeessuu dubbtaniiru.

Galiin walitti qabame kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu Birrii biiliyoona 54.6 caalmaa qabaachuu ibsuusaanii EBC’n gabaaseera.

Dabalataanis hojii daldala seeraan alaafi kontiroobandii ittisuurratti hojjetameen galii mootummaan dhabuuf ture Birrii biiliyoona 40.7 baraaruun danda’amuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.