Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi bara 2030tti rakkoo quucaruu daa’immanii dhabamsiisuuf hojjechaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Rakkoo quucaruu daa’immanii bara 2030tti dhabamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Waliigaltee Saqoxaarratti waltajjiin hubannoo uumuu qaamolee dhimmi ilaalatuu waliin naannoo Kibbaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffamaa jira.
Ministir Deeetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, rakkoo quucaruu daa’immanii bara 2030 zeerootti gadi buusuuf karoorri waggoota 15 hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Akka biyyaatti aanaalee 37tti hanqina nyaata daa’immanii furuuf, waliigalteen Saqoxaa hojiirra ooluus ibsaniiru.
Daa’imman %37 ta’an rakkoo quucaruuf saaxilamoo ta’uun eerameera.
Hogganaan Biiroo Fayyaa Uummattoota Kibbaa Obbo Indaashaawu Shibbiruu gama isaaniin, galma ga’iinsa waliigaltee Saqoxaarratti hoggansi hawaasa hirmaachisuun gahee irraa eegamu ba’achuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Jibiriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.