Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaarraa argateen magaaloota 18 keessatti ragaa gurmeessaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaarraa argateen magaaloota 18 keessatti hojii ragaa gurmeessuu hojjechaa jiraachuu ibseera.
Ministeerichi hojii gurmeessa ragaa magaaloota kanneenii hojjechiisuuf Calbaasii idil addunyaan Dhaabbata Gorsaa Ugaandaa A.H.S jedhamu waliin gara hojiitti galaa jiraachuu ibseera.
Dhaabbatichi magaaloota naannolee Oromiyaa, Hararii, Amaaraa, Tigraay, Kibbaa, Sidaamaa fi Dirree Dawaa keessatti argaman 18 keessatti ragaalee lafaa kuma dhibba 6 fi kuma 30 ta’an Bilookiin hojii gurmeessuu hojjeta jedhame.
Hanqina qabsiinsa ragaa lafaan walqabatee ture furuuf hojii ijoo ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Dooktar Masfin Asaffaan himuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.