Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi gatii boba’aarratti daballii taasisuu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa gatii boba’aarratti daballii taasisuu beeksiseera.

Manni Maree Ministirootaa Walgahii idilee 3ffaa Mudde 30, 2014 gaggeesseen gatii oomishaalee boba’aarratti sirreeffama gatii fi hojiirra oolmaa deeggarsa taasisuuf yaadamee eegalchiisuuf hojiin qophii duraa hojjetamaa turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan magaalaa Finfinneetti gatiin gurgurtaa qinxaboo oomishaalee boba’aa akka armaan gadiitti eerameera.

       Gatiin Beenziinii liitiraan Birrii 47 fi saantima 83

       Naafxaa Adiin liitiraan Birrii 49 fi saantima 02

       Keeroosiiniin Liitiraan Birrii 49 fi Saantima 02

       Naafxaa Salphaa gurraachi liitiraan Birrii 53 fi saantima 10

       Naafxaa cimaa gurraachi liitiraan Birrii 52 fi saantima 37

       Boba’aan xiyyaaraa liitiraan Birrii 96 fi saantima 83 ta’uu ministeerichi ibsa faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen beeksiseera.

Gatii boba’aa beenziinii, keeroosiinii fi naafxaa adiirratti konkolaattota geejjiba uummataa fi yookaan ammoo konkolaattota fayyadamoo deeggarsa yaadameef mootummaan %15 kan deeggaru ta’uu %10 ammoo ofiisaanii kan kaffalan ta’uu fi hangi deeggarsaa Teelee Birriin deebii kan taasifamuuf ta’uu ministeerichi eereera.

Daballiin gatii boba’aa qinxaaboorratti taasifame kun waxabajjii 29/2014 irraa eegalee buufataalee boba’aa naannolee hundatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Gatiin boba’aa sadarkaa idil addunyaatti haala oolaanaan dabalaa jiraachuun walqabatee hawaasni shammattoonni oomishaalee boba’aarratti aadaa qusannoo akka gabbifatan akkasumas fayyadamtoonni boba’aa deeggarsaa tajaajila geejjiba uummataaf oolchuu akka qaban yaadachiisuun hawaasni hundi, qaamoleen nageenyaa fi dhaabbileen dhimmamtootaa akka tumsan gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.