Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi guyyoota dhibba tokkotti galii Birrii biiliyoona 108.9 walitti qabuuf karoorse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoon Ministeera Galiiwwanii guyyoota dhibba tokko keessaatti karoora hojiiwwan raawwatamaan irratti marii taasisuun kallattii kaa’aniiru.

Guyyoota kanneen keessaattis galii Birrii Birrii biiliyoona 108.9 walitti qabuuf karoorsuu ibsameera.

Karooricha milkeessuuf mariin taasifamee kallattiin gara fula duraas kaa’ameera.

Gama biraatin ammoo sirnootarratti komii taaksii biyyaa keessaa dhiyaataan irratti deebiiwwan laatamaan %85  fi dhimmoota gumurukaarratti komiiwwan dhiyaataan deebiiwwan laatamaan gara %87 ol guddisuuf karoorfamuu ibsamuu ragaan Ministeericharra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.