Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi haala fayyaa lammiilee iddoo tursa yeroo jiranii daawwate

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Hooggantoonni Ministeera Fayyaa haalaa fayyaa lammiileen iddoo tursa yeroo Walloo jiran daawwachuu ibsameera.

Dhaabbilee fayyaa garee shororkeessaa ABUT’iin miidhamanii fi fayyummaa lammiilee gocha kanaan qe’ee fi qabeenyaasaaniirraa buqqa’anii eeguuf deeggarsi taasifamuu cimee kan itti fufu ta’uu Ministirr Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.

Dooktar Darajjee Dhugumaa, Daayreektara Daayreektoreetii Haadholii fi Daa’immanii Ministeerichaa Dooktar Masarat Zalaalam, Kantiibaa magaalaa Kombolchaa fi hooggantoonni qajeelcha fayyaa lammiilee iddoo tursa yeroo Walloo jiran daawwachuu isaanii ibsameera.

Daawwannichaan deeggarsa meeshaalee garaagaraa sagantaa nyaata adduunyaarraa argame gumaachuu ibsameera.

Deeggarsichi Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 5 fi kuma 90tti kan tilmaamamu ta’uu himameera.

Deeggarsichi yeroo fi bakka barbaachisaatti kan taasifame ta’uu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Dooktar Masarat gama isaaniitiin, miidhaa garee shororkeessaa ABUT qaqqabsiiseen lammiilee hedduun keessumaa haadholiin, daa’immanii fi dargaggoonni rakkoo fayyaaf saaxilamuu ibsaniiru.

Daayreektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Daaniyaa Gaayil, dhaabbatichi lammiilee yeroo waraanaa miidhaman keessumaa haadholii, daa’immanii fi dargaggoota rakkoo fayyaaf akka hin saaxilamne kan gargaaru ta’uu ibsuun, deeggarsi godhamu kunis qaama deeggarsa namooma kana ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis deeggarsichi kan itti fufu ta’u isaa ibsuu ragaan Ministeericharraa argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.